Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad maqaa hoggansa olaanaa raayyaa ittisa biyyaa fi siiviilii torbee darbe wareegamaniin biqiltuu ejersaa dhaaban.
Dooktar Abiy maqaa hoggansa olaanoo torbee darbe wareegamaniin har’a biqiltuu ejersaa kan dhaaban mooraa Masaraa Biyyoolessaa keessatti.
Haaluma kanaan maqaa Dooktar Ambaachaw Makoonnan, Etaamaajoora Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Jeneraal Sa’aaree Makoonnan, Migbaaruu Kabbadaa, Izaz Waasee fi maqaa Meejar Janaraal Gazaa’ii Abarraatin biqiltuu dhaabaniiru.
Biqiltuun dhaabames gumaacha isaanitiif kabajaa laachuu fi jijjiirrama dhufe keessatti ga’ee isaanii yaadachuufi. fbcafaanoromoo