Mucaa dubaraa raajiidha’ jedhamtee fi US keessatti akkuma dhalatteen feestaalaan maramtee gatamuun argamte guddifachuuf maatiin addunyaa guutuudhaa ‘hiriiraa’ jiraachuu, qondaaltoonni himan.
Daa’imtii maqaa masoo ‘Indiyaa’ jedhamte kunis Waxabajjii 6 erga jiraattoonni naannichaa sagalee boo’ichaa daa’imattii dhagahuun poolisii waamanii argamte.
Poolisiinis viidiyoo yoo qondaalli poolisii feestaala baqaqsuun mucattii keessaa baasuufi baayyee nama naasisuu gadhiisanii turan jedha BBCn.
Daa’imattiinis battalumatti gara hospitaalaatti kan geeffamte yoo ta’u, doktarroonni miidhaa omaa akka hinqabneefi amma ulfaatiinaanis dabalaa akka jiru himaniiru.
Erga torban saditiin as dhalattuu Indiyaan amma ”seequu” agarsiisaa kan jirtuu yoo ta’u, bakka tajaajila daa’imaa keessatti argamte.
Isheenis hanga mana dhaabbattaa argamuufiitti achuma akka turtu barameera. Qondaalli Kaawuntii Forsyth tokko garuu ganaa haadhaa fi firoota dhalattuu adda baasuuf hojjataa jiru.
Maxxansa feesbuukitiin akka jedhaniitti, ” waa’ee dhalattuu Indiyaa ilaalchisee waanti haaraan qoodamu hinjiru.”
Garuu akka Tom Rawlings, Daarektara Kutaa tajaajilawwan Maatii fi Daa’imman Joorjiyaatti, rakkinni maatii ishee guddifatu hinjiru.
”Maatiiwwan mana jireenyaa hanga dhumaa kennuuf hiriiraa jiran hedduudha,” jechuun ture Mr Rawlings ABC’tti kan himan.
Haalli baraarama ishee addunyaa gutuutti mata duree oduu ta’ee umamee boodas, maatiiwwan dhiibaan lakkaa’aman guddifachuuf gaafataa jiruu, jedha Mr Rawlings.
Haala itti dhalattuuni tun baraaramtees, ‘raajii jireenya kiyya keessatti arge keessa isa tokkodha” jechuun ibsa.
Dhalattuun sunis wayita argamtutti osoo andhurri irraa hinkutaniin tarii dhalattee sa’aa tokko keessaatti jiraattoota naanichaatiin argamtee jechuun ibsaniiru.
Qondaalli Kaawuntii Forsyth Rom Friidam gama isaatiin ”kun jidduu galumsa waaqaatii” akka Indiyaan fayyaan argamtu kan taasise jedheera.
Madda obn