Doonaald Traamp daangaa Kooriyaa lameenii qaxxaamuran.
Donaald Traamp daangaa Kooriyaa lameenii, Kim Joong-Uun waliin qaxxaamuuruun Preezidantii US Kooriyaa Kaabaa seenan kan jalqabaa ta’an.
Preezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp, daangaa Kooriyaa Kaabaafi Kibbaa zonii waraana hin qabnetti (DMZ) fi eegumsa guddaa qabutti hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim Joong-un waliin harka walfuudhaniiru.
Qeeqtoonni gocha kana diraamaa siyaasaati yeroo jedhan, kaan immoo marii hegereef kan haala mijeessudha jedhaniiru.
Mariin isaani inni dhumaa haasaa Nuwkileeraarratti mariyatan, bu’aa malee xumurame.
Madda BBC Afaan Oromoo