Appilikeeshinoonni bilbila sochootuu hedduun saamicha ragaaf nama saaxilu.
Qorannaa kanas kan ifoomse Poozatiiv Teeknooloojiidha.
Appilikeeshinoota rakkina akkasiitif saaxilam keessaa %38 IOS yoo ta’an, %43 ammoo appilikeeshina Andirooyidiiti.
Bara Faranjootaa 2018 qofa appilikeeshinoonni kanneen si’a biiliyoona 205 buufamaniiru.
Kana keessaammoo %78 burjaajjiif saaxilamaniiru.
Kanaaf fayyadamtoonni bilbiloota sochootuu appilikeeshinii buufatan of eeggannaa akka godhan gorfameera.
Madda fbcafaanoromoo