Hiriira mormii Sudaanitti waraana mormuun gaggeeffame irratti hokkora ka’een lubbuun darbe.
Namootni hedduun magaalota Sudaan keessatti bulchiinsa waraanaa mormuun hirira ba’an irratti namootni du’uufi midhamuun gabaafame.
Miidiyaan biyyatti ministeera fayyaa waabefachuun namootni torba du’anii 181 immoo midhamaniiru jedha.
Deeggaraa mormiii kanaa kan ta’e koreen giddugaleessaa doktaroota Sudaan yoo xiqqaate mormitoonni shan ajjeefamu dubbatu.
Koreen kun namootni afur magaalaa Omdurmaanitti akka ajjeefaman namni tokko ammoo rasaasan lapheerra rukatamee magaalaa Atbaraatti ajjeefamuu ibseera.
Dabalatanis “namootni rasaasa loltoota Mana Mare Ce’umsaa Humna Waraanaa aangoo biyyattii of harkaa qabuun midhamanii hospitaalota magaala guddittiifi kan birootti yaalamaa jiran hedduudha,” jedhu.
Waxabajjii 3 irratti mormiitootaafi rogeessoti hedduun erga ajjeefamanii booda hiriirri Dilbata gaggeefame hiriira mormii isa guddaadha.
Humnootiin nageenyaa hedduu jiraatanis namootni kumaatamaan lakkaa’aman Manni Maree Waraanaa biyyitti bulchaa jiru aangoo bulchiinsa uummataaf dabarsee akka kennu gaafataniiru.
Hogganaan itti anaa Mana Maree Ce’umsaa Waraanaa (TMC), Jen Mohaammad Hamdan Dagaaloo “lootee seentonni isnaayparii uummatatti dhukaasa turan jiru jedhan.
“Miseensota humna nageenya sadiifi lammilee ja’a ta’an rukutaniiru. Namootni dhokatanii adeemsa araaraa guffaachiisuu barbaadan jiru,” jedhu.
Humnootiin nageenyaa naannoo masaraa pireezidaantiifi nannoolee biraa sadii Kaartuum keessatti namoota addaan facaasuuf aara nama boochisu dhukaasu isaa AFP gabaseera.
Magaalaa Omdurmaanifi Gadareefittis aarri nama boochisu dhukaafameera.
“Nuti namoota Waxabbajjii 3 wareegamaniif as jirra. Bulchiinsa uummataa bilisummaa fiduu danda’u barbadna. Abbaa irrummaa humna waraanaa ofirraa kaasuu feena,” jechuun mormituun ganna 23 Zeeynab jedhamtu AFPtti dubbatteetti.
Jaarsummaa MM Dr. Abiyyi Ahimadii fi Gamtaa Afriikaan mariin adda citee ture akka eegalamu waliigalamus mariin hin eegalamne jechuun BBCn gabaaseera.