Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahmad gabaasa raawwi hojii bara 2011 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyyeessaniiru.

$
0
0

Waggoottan darbanitti lammileen miiliyoona 2.3 kan buqqa’an yoo ta’u, bara 2011 ji’a bitootessaa irraa eegalee lammileen miiliyoona 1.1 buqqa’aniiru.

Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahmad gabaasa raawwi hojii bara 2011 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyyeessaniiru.

Hojii nageenyaa biyyatti ilaalchisuun gabaasa kan dhiyyeessan Dr. Abiyyi biyyattiin rakkoo nageenyaa keessa turuu kaasanii, kana hundeerra furuuf hojiin riiformii adda adda hojjetamuu himaniiru.

Labsii dhiifamaa mootummaan taasiseen namoonni kuma 45 sadarkaa biyyaatti fayyadamtoota yoo ta’an, namoonni kumni100 ol mana amala sireessatii bahaniiru.

Gocha Waxabajjii15 naannoo Amaaratti rawwatamee ilaachisee, gochii kun hawwii fi dharraa karaa qaxxamuraan aangoo qabachuurra kan madde yoo ta’u, labbuu hoggantoota qaqqalii kan galafaatulleen ta’atamee jira.

Dhimma kana waliin wal qabatee hawaasni kan hubachuu qabu qorannoon raawwii gocha kana qaama bilisa ta’een qoratamaa waan jiruuf bu’aa argannoo isaa yeroo dhiyyootti kan ifoomsinu ta’a jedha Dr Abiyyi.

Yakka diinagdee raawwachun kan shakkaman 35 keessaa 34 to’atamaniiru.

Daddabarsa maallaqa seeran alaatin namoonni 64, daddabarsa namaa seeran alaatin 51 to’atamaniiru.

Gama bilisummaa Miidiyaan Fuullonni Feesbuukii fi Weebsaayitii Ugguramanii turan 260 ol ta’an gara hojjitti akka deebi’an taasifameera.

Rakkoo nageenyaa biyyatti keessatti muddateen lubbuun namaa darbuu fi hojiileen misoomaa gufachuu himaniiru.

Namoota qe’eef qabeenya isaanirraa buqqa’an deebisani dhaabuufis hojjetamaa ture jedhaniiru.

Buqqa’uuf lammilee biyyatiif sababa kan ta’an rakkoo uumamaa fi nam tolchee akka ta’e himan.

Waggoottan darbanitti lammileen miiliyoona 2.3 kan buqqa’an yoo ta’u, bara 2011 ji’a bitootessaa irraa eegalee lammileen miiliyoona 1.1 buqqa’aniiru.

Kana keessa ammoo kumni 400 sababa jijjirama qilleensatin ta’uu ibsaniiru.

Lammilee buqqa’an keessa miiliyoonni 2.1 ol gara q’ee isaanitti kan deebi’an yoo ta’u, kanneen hafan ammoo deebisuuf hojjetamaa jira.

Hojii olaantummaa seeraa hojjetameenis gareen shororkeessummaan shakkaman 48 to’atamaniiru.

Miidhaa sabummaa qaqqabsiisudhaan hoggansii fi caasaan nageenyaa 799 to’atamaniiru.

Guddinni diinaagdee bara 2008 -2009 tti dhibbeentaa 8.8%,kan galma’e yoo ta’u bara 2010 tti ammoo 7.7% galmaa’ee ture.

Raawwi ji’a 11 darbeen guddinni diinagdee bara 2011 9.2% ni ta’a jedhamee eeggama jedhaniiru.

Hojiilee gama dinagdeen ji’oottan 11 darbanitti deggarsaa biyya alaan Doolaarri Biliyeenni 21 argamee jira.

Hojii Dipiloomasii hojjetameen bara kana lammileen Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaannonni biyyoota alaatti hidhamaanii tura kuma 15 ol mana hidhaatii baasuun danda’ameera.

Namoota kuma 76 ol eeyyama hojii fi jireenyaa malee biyyoota garaa garaa jiraachaa turan gara biyyatti akka deebi’an taasifameera.

Toora xiyyeeffannoo bara baajata itti aanuu!

Hawaasni gara nageenyaa fi tasgabbitti akka deebi’uuf hojjetamuu qaba.

Dandeettii raawwachisumma qaamolee seera cimsuun nageenya cimaa uumuuf ni hojjetama.

Lammiin Itiyoophiyaa kamiiyyu sodaa tokko malee eessaayyu akka jiraatu fi qabeenya akka horatuuf ni hojjetama.

Komoshiinii araaraa gara hojitti galee deeggaruun hojii bu’a qabeessa akka hojjetuuf ni hojjetama.

Baroota itti aananiitti rakko diinagdee muudate hundeera googsuuf ni hojjetama.

Oomishaa fi oomishtumaan biyyatti akka dabaluuf ni hojjetama.

Gabaa tasgabeessuuf nageenyi waaran waan barbaachisuus nageenyi waaran akka jiraatuf ni hojjetama.

Inveestimeentii babbal’isuu biyyoonni kanaan dura hojjiin veestimentirraatti bobba’anii turan cimsaan akka itti fufaniif ni hojjetama.

Inveestimeentii haaraa simachuufis yeroo kamiiyyu caalaa ni hojjetama.

Hojiileen misoomaa kamiiyyuu gara carraa hojii uumuttu akka jijjiramaniif ni hojjetama. Madda OBN


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles