Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Xiyyaarri xiqqaan buufata xiyyaaraa Teeksaas keessatti kufee caccabe namoota xiyyaaricha keessa turan kurnanuu ajjeese.

$
0
0

Xiyyaarri xiqqaan buufata xiyyaaraa Teeksaas keessatti kufee caccabe namoota xiyyaaricha keessa turan kurnanuu ajjeese.

Xiyyaarri BE-350 kan ‘King Air’ ta’e ka’ee osoo baay’ee hin turiin buufata xiyyaaraa Addison jedhamutti kan kufe.

Gara Filooridaa imaluuf kan ture xiyyaarri kun tasa kallattii isaa jijjiiree man-kuusa gurguddaa xiyyaaronni keessa dhaabbatan irratti kufe, battalatti abiddi itti qabate jedha BBCn.

Lubbu baraartonni battalatti kan dhaqqaban ta’us, wayita gahan namni lubbuun hafe hin turre.

Eenyummaan namoota lubbuu dhabanii aanga’oonni ifa hin taasifne. Firoota isaanii barbaada jiru.

Wayita xiyyaarichi kufetti manicha keessa namni hin turre.
Sababni balaa kanaa qoratamaa jira. Haata’u malee motora isaa rakkoowwaan mudateef akka ta’e odeeffannoowwan hin mirkanoofne ni mul’isu. Madda OBN


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles