Hojiin koonkiriitii guutuu hidha haaromsa Itiyoophiyaa dhiyeenyatti ni eegala jedhame.
Hidha haaromsa guddicha Itiyophiyaatti hidha guddichaaf hojiin konkoriitii guutuu ji’a Fulbaanaa irraa eegalee kan eegalu ta’uu Hoji Gaggeessan Olaanaa hidhichaa Injiinar Kiflee Horroo ibsaniiru.
Dhaabbileen kontiraaktaraa hojii kana raawwatan shan MEETEEk irraa hojii fudhuun gara hojiitti galuu himaniiru.
Injiinar Kifleen akka ibsanitti hojii guutiinsa konkiriitiin ala buufata madda anniisaa keessatti hojiin si’oominaan hojjetamaa jira.
Hojii konkiriitiin wal qabatee garuu sibiiloonni dhaabbachuu qaban waan jiraniif isaan erga dhaabbatanii booda hojiin konkiriitii guutuu itti fufa jedhaniiru.
Dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaatu gabaase.