Namni dhokatee xiyyaara Keeniyaa seene ,reeffi isaa magaalaa Landanitti kufee argame
Namni xiyyaara dhokatee erga seenee kuutaa goommaa xiyyaara Buufata Xiyyaara Heetroow adeemu keessaa kufe jedhamee yaadamu reeffii isaa obdii Landan jiru keessatti argame.
Reefffi kan dhiiraati jedhamee yaadamu kun Kilafaamitti kan argame Dilbata waaree booda sa’a 09:40tti.
Namni kun xiyyaara balalii Daandii Qilleensaa Keeniyaa, Naayrobii irraa ka’e keessaa kufe jenne amanna jedha poolisiin.
Jiraataan naannichaa maqaan isaa akka himamu hin barbaanne, sagalee waa kufuu dhaga’ee, foddaa isaa darbii tokkoffaarraa yemmuu ilaalu reeffa kanaafi “dhiiga hedduu gamoo kanatti faca’ee jiru” akka arge dubbata.
Poolisiin Meet qorannoon reeffaa akka raawwatamuufi du’ii isaa akka waan shakkisiisaatti akka hin ilaalamne ibseera.
Daandiin Qilleensaa Keeniyaa xiyyaaricha qoratee midhaan ga’e akka hin jirre ibseera.
Xiyyaarri kun erga qubatee booda kutaa gommaan xiyyaara itti dacha’uu keessatti korojoo, bishaaniifi nyaatni argameera.
Dubbii himaan Daandii Qilleensaa Keeniyaa ” Imallii 6,840km kun saatii saddeeetifi daqiiqa 50 kan fudhatudha. Namni kun xiyyaara kan dhokatee seene akkanaan lubbuu isaa dhabuu isaatti hedduu gaddina,” jedhu.
“Aangaa’oota Naayrobiifi Landan dhimmaa kana qoratan waliin Daandiin Qilleensaa Keeniyaa dhiyeenyaatti hojjechaa jira.”
Waxabajjii 2015tti namootni lama xiyyaara Johaanisbeerg irraa ka’ee keessaa kufanii reeffi nama tokkoo baatii gamoo irratti yemmuu argamu, inni tokkoo immoo balaan ciimaa irra ga’ee argameera jedha gabaasni BBC.