Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Itoophiyaan teelekoom ooppireetaroota idil addunyaa 2 caalbaasidhaan gabaatti galchuufi.

$
0
0

Itoophiyaan teelekoom ooppireetaroota idil addunyaa 2 caalbaasidhaan gabaatti galchuufi.

Ministir deettaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny deemsa piraayveetaayzeeshinii Iityoo Telekoomii fi warshaalee sukkaaraarratti ibsa laataniiru.

Ibsichaanis akka beeksisanitti, damichaan Iityoo Teelekoomin ala Eejansiin To’annoo Teelekoom, teelekoom ooppireetaroota idil addunyaa 2 gabaatti ni galcha.

Ga’ee Iityoo Teelekoom irra caalaa fi bulchiinsa boordii mootummaan qabachuudhan, %49 gara dhuunfaatti kan naanna’u ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbatichi diriirsa bu’uuraalee misoomaa yookin sarara diriirsuu fi damee tajaajilaatin lamatti kan qoodamu ta’uu ibsaniiru.

Kan bu’uuraalee misoomaa; sarara idil addunyaa, faaybar ooptiiksii biyyoolessaa, neetwoorkiif kan fayyadan kan akka neetwoorkii moobaayilaarratti ga’ee qaba.

Dhiyeessii tajaajilaarratti kan hojjetu ammoo hojii moobaayiloota hundaa, intarneetii fi chaarjii bilbilaarratti ga’ee qaba.

Dameewwan lamaanuu abbootii qabeenyaa dhuunfaaf banaa ta’u jedhameera.

Adeemsi dhaabbilee kanneen gabaatti galchuus amma kurmaana 3ffaa bara 2012tti ni xumurama jedhaniiru.

Dooktar Iyyoob tarkaanfiin piraayveetaayzeeshinii duraa dhaabbilee jajjaboo kun dhababilee idil addunyaa hawwachaa jiraachuu ibsu.

Tarkaanfichi tajaajila fooyya’aa fi dorgomtummaa uumuu keessatti ga’ee olaanaa qabaata.

Invastimantii kallattii alaa hawwachuu keessattis gumaacha ni qabaata jedhan Dooktar Iyyoob.

Labsiin warshaalee sukkaaraas qophaa’aa jiraachuu kaasaniiru.

Labsichi sukkaara oomishuu fi gurguruu, bulchiinsa sukkaara alaa galuu fi alatti ergamu kan hammateedha.

Beeksisa ba’een dhaabbilee hedduun gaafachuu, jalaa guutee deebi’uu fi dhaabbileen biyya keessaa fi alaa fedhii agarsiisuu ibsaniiru.

Qorannaan qabiyyee warshaalee sukkaaraa filatamanii xumuramaa jiraachuus kaasaniiru ministir deettichi.

Warshaalee sukkaaraa biyyattiin qabdu keessaa 5 yookin 6 yeroo baatii 6 amma 12 keessatti dhuunfaaf kan dabarfaman ta’uu beeksisaniiru jechuun FBCn gabaaseera.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles