Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI namootaa fi dhaabbilee miidiyaa ummataa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa gidduutti garaagartee uumuuf hojjetanirratti himannaa banuufi.

$
0
0

Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI namootaa fi dhaabbilee miidiyaa ummataa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa gidduutti garaagartee uumuuf hojjetanirratti himannaa banuufi.

Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRItti daayreektarri olaanaa daayreektoreetii indooktirineeshinii Meejar Jeneraal Mahaammad Tasammaan haala yeroorratti ibsa laataniiru.

Olaantummaa seeraa kabachiisun ergama miseensa raayyaa ittisa biyyaa isa duraa ta’uu kaasaniiru.

Yaaliin fonqolcha mootummaa naannoo Amaaraa, hoggansa siiviiliirratti magaalaa Baahir Daaritti, akkasumas hoggansa raayyaa ittisa biyyaarratti ajjeechaa magaalaa Finfinneetti raawwatameen rakkoo tasgabbii uumamee ture furuu, shakkamtoota to’achuu, olaantummaa seeraa kabachiisuuf raayyaan ittisa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Shakkamtoota seeratti dhiyeessuuf ammas qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan kan hojjetamu ta’uu Meejar Jeneraal Mahaammad Tasammaan himaniiru.

Qaamolee ummataa fi raayyaa ittisaa jidduutti walshakkii uumuuf socho’an, maqaa balleessuuf hojjetan, duula hin malle bananii fi miidiyaaledhaan dabarsan seeratti ni dhiyeessina jedhaniiru.

Sochii kanaan raayyaa ittisaa keessatti walamantaan dhabamee, biyyattiin rakkoo hin malle keessa akka galtu shirri xaxame hedduu ta’uu ragaalee qabna jedhan.

Zuufaan Kaasaahuuntu gabaase. Fbcafaanoromoo


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles