Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Lammiilee Geede’oo fi Gujiirraa buqqa’an waaraan akka of danda’an sagantaan waggaa 4 ifoome.

$
0
0

Lammiilee Geede’oo fi Gujiirraa buqqa’an waaraan akka of danda’an sagantaan waggaa 4 ifoome.

Sagantichi lammiilee qayee isaanitti deebi’an waaraan of dandeessisuuf kan ooludha.

Sagantichi Sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitin kan gaggeeffamu yammuu ta’u, Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 20 ni barbaachisa jedheera Koomiishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Biyyoolessaa.

Koomiishinichi qooda fudhattoota waliin dhimmicharratti magaalaa Hawaasaatti mari’achaa jira.

Lammiileen sababii addaddaatin buqqa’an kanneen gara qayee isaaniitti deebi’anis waaraan dhaabuuf deeggarsi akka isaan barbaachisu marichaan ka’eera.

Sagantaa kanaaf Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 20 kan barbacahisu yammuu ta’u, amma ammaattis Jaappaanii fi Deenmaark irraa Doolaarri miiliyoonni 5 argameera.

Sagantaan Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gama isaatin waajjirasaa muummetii Doolaara kuma dhibba 6 fi kuma 70 walitti qabuusaa beeksiseera.

Biiniyaam Siisaaytu gabaase. Fbcafaanoromoo


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles