Twiitarri namoota haasaa jibbiinsaa dabarsan akka ugguru beeksise.
Miidiyaan hawaasaa Twiitarri fayyadamtoota haasaa jibbiinsa amantaa fi sabummaan walqabatu dabarsan guutummaatti akka haqu beeksise.
Dhaabbatichi kana akka taasisu kan isa gargaaru seera haaraa baasus dubbateera.
Seerri haaraan Twiitarri baase kun haasaa jibbiinsaa kanaan dura fuula twiitarii irratti gadhiifamellee ni kaasa.
Twiitarri kanaan duras finxaaleyyiin tokko tokko ragaa sobaa fayyadamuun haasaa jibbiinsaa waan facaasaaniif dambii baasee ture.
Akkaawuntii sobaan baname miiliyoonatti lakkaa’amus cufuun isaa ni yaadatama.
Maddi – fbcafaanoromoo