Jaarmiyaaleen Adda Bilisummaa Oromoo tokkoomuu isaanii ibsan, Obbo Abbaa Nagaa Jaarraa Hayyu Duree Addichaa gochuun filatan.
Jaarmiyaaleen Adda Bilisummaa Oromoo lama kan Obbo Galaasaa Dilboo fi Obbo Abbaa Nagaa Jaarraatiin hogganaman kora Soodareetti taa’aniin tokkoomuu isaanii beeksisaniiru.
Jaarmiyaaleen lameen gaaffii uummanni Oromoo akka tokko taanuuf yeroo dheeraaf nuu dhiyeessaa ture bu’uura godhachuun gara tokko ta’uutti dhufne jedhan.
Hirmaattonni Kora Seena-qabeessa kana irratti argamanis yeroon kun hundaa olitti yeroo tokkummaan Oromoo fi walta’iinsi Jaarmiyaalee Hawaasichaa itti barbaachisudha jedhan.
Jaarmiyaaleen ABO gargar turan kunniin murtoo tokkoomuurra ga’uun isaanii kan isaan galateeffachiisuu fi kan biroofillee fakkeenya ta’udhas jedhaniiru.
Jaarmiyaaleen maqaa ABO Tokkoomee fi ABO Qaama Ce’umsaa jedhuun beekaman kunniin ammaan booda maqaa ABO jedhu qofaan waamamuuf murteeffataniiru.
Miseensonni Jaarmiyichaas dhimmoota garaagaraa irratti mari’achuun murtoorra erga ga’aniin booda Miseensota Gumii Sabaa nama 65 filataniiru.
Miseensonni Gumii Sabaa Addichaa filatamanis marii taa’aniin Obbo Abbaa Nagaa Jaarraa Hayyu Duree dhaabichaa, Obbo Bilisummaa Biraanuu Araarsaa ammoo Itti Aanaa Hayyu Duree dhaabaa gochuun filataniiru.
Addichi Miseensota Koree Hoji-Raawwachiiftuus nama 15 filateera.
Kora isaa guyyoota lamaaf Soodareetti geggeessaa tures dhimmoota garaa garaa irratti ibsa ejjennoo baafachuun goolabeera. Madda OMN