Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Marsariitilee gurguddoo shanan suuraalee odeeffannoo sobaaf oolan adda baasuuf tajaajilan

$
0
0

Marsariitilee gurguddoo shanan suuraalee sobaa adda baasuuf tajaajilan
Jaarraa nuti keessa jiru kun jaarraa odeeffannooti. Guyyatti odeeffannoolee garagaraa karaalee garagaraan arganna. Keessaanuu, karaa miidiyaa hawaasaan odeeffannooleen daddabarfamu hanga kana jechuun nama rakkisa .

Akkuma baayinaan odeeffannooleen daddabarfaman hedduun isaaniis odeeffannoolee kijibaati.Odeeffannooleen kijibaa jabana kana suuraa fi viidiyoodhaan deeggaramanii dhiyaatu. Sababa kanaaf namoota hedduuf odeeffannoo isa sirrii fi dharaa adda baasuun baayee rakkisaadha.

Garuu akkamitti adda baasuun danda’ama!?

Maxxansa kana keessatti deebii guutuu isaa ni argatta. Hanga xumuraatti dubbisi. Yeroo hedduu odeeffannoo sobaa qindeessuuf, suuraa sobaa kan gochaa tahe tokko ittiin bokosanii dhiyeessan, kan gocha taheen walfakkaatu, garuu kan gochaa tahame San caalaa odeeffannoo dabarsu intarneetii irraa buusuudhaan, jechoota mi’aawaa fi qindaawamaniin dabaaluudhaan odeeffannoo baasu. Odeeffannoon haala kanaan bahan gaaga’amiinsa guddaa dhaqqabsiisu.

Fknf, yeroo darbe Awadaayitti waan tahe, suuraa Somaalota biyya bira keessatti balaan irra gahe mul’isuudhaan gochaan saba lamaa walitti buusuudhaaf taasifame waan dagatamuu miti.
Kana qofaa miti, gara fuulduraattis haala amma Oromiyaan itti jirtu kanaan, odeeffannooleen sobaa tahan kumaatamaan qindaawanii dhufuuf tahu.

Kanaafuu, dargaggoon Oromoo kamuu odeeffannoo sobaa fuuldura dhaabbachuudhaan gootummaa gama kanaan qabus mirkaneeffachuu qaba.
Osoo yaadaan gara biraa isin hin geessin gara ija dubbii kiyyaatti isin haa deebisuu.

Odeeffannoolee sobaa suuraan qindaawanii dhiyaatan adda baasanii beekuudhaaf kan tajaajilu marsariitilee gara garaa heddutu jiru. Isaan keessa shanan tokko akka armaan gadii kanatti haa ilaalluu.

  • 1. Findexif.com – marsariitii tana irratti suuraa shakkitan fe’uudhaan odeeffannoolee suuraa sanaa kanneen akka suurichi maaliin akka hojjatame, yoomii fi eesdatti akka hojjatame ittiin beekuu dandeessaniidha.
  • 2. Fotoforensics.com – Marsariitii tun immoo sadarkaa dogongora suuraa sun qabu (Error level analysis ELA) qorachuudhaan, iddoowwan suuraa irratti gulaamamuudhaan haqaman ykn immoo itti dabalaman kan adda baasuudha.
  • 3. http://images.google.com – asirratti suuraa olfe’uudhaan suuraan kanaan dura eessa fi yoom akka maxxanfame website irratti kan barbaaduudha.
  • 4. Tineye.com – Kunis akkuma kan google suuraan yoom fi eessatti akka maxxanfame kan barbaaduudha.
  • 5. www.izitru.com – Asirrattis suuraa fe’uudhaan gulaalamuu fi dhabuu isaa mirkaneeffatta.

Walumaagalatti haalota armaan olii kanaan suuraalee odeeffannoolee kijibaa bokossuuf oolan akka salphatti adda baasuun beekuun ni danda’ama.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles