Notepad’n moosaajii salphaa koompiitaroota windows hunda irratti argamuudha. Akkuma hedduun keenya beeknus, notepad’n tajaajila barreeffamaa kan kennuudha. Notepad’n tajaajila barreeffamaa kennuun alatti, wantoota ajaa’ibaa heddu hojjachuuf kan tajaajiluudha. Wantoota kanneen garuu namoonni hedduun quba hin qaban. Maxxansa kana keessatti wantoota ajaa’ibaa shanan tokko, kanneen notepad fayyadamtee raawwachuu dandeessu kan wajjiin ilaalluudha.
- 1. Virus koompiitara cufu hojjachuu
@echo off
Shutdown.exe -s -t 10
cls
msg * Uuuf...akkam dadhabe si fakkaate..nagaa turi!
Barreeffama an armaan olitti barreesse kana notepad kee irratti gara galchuun, .bat gochuun save maqaa barbaadde kenniteefii. Achi booda faayila save goote kana yoo bante, koompiitarri kee ergaa Uuuf...akkam dadhabe si fakkaate..nagaa turi!
jedhu siif baasuun cufama jechuudha.
- 2. Virus CD banu hojjachuu
Set oWMP = CreateObject(“WMPlayer.OCX.7?)
Set colCDROMs = oWMP.cdromCollection
do
if colCDROMs.Count >= 1 then
For i = 0 to colCDROMs.Count – 1
colCDROMs.Item(i).Eject
Next
For i = 0 to colCDROMs.Count – 1
colCDROMs.Item(i).Eject
Next
End If
wscript.sleep 5000
loop
code kana akkuma kan jalqabaa sanitti, notepad keessan irratti barreessuun .vbs gochuun olkeessu. Faayilicha ol keessan kana yoo bantan, cd drive koompiitara keessanii cal jedheetumaan ofumaan banama. Hiriyoota keessan naasisuuf kun filannoo keessan jalqabaa tahuu qaba. Bifa email,tiin ergaafii…
- 3. Antivirus koompiitara keessan irraa hojjataa jiraachuu isaa baruuf
X5O!P%@AP[4PZX54(P^)7CC)7}$EICAR-STANDARD-ANTIVIRUS-TEST-FILE!$H+H*
Koodii kana virus.exe gochuun save erga gootee booda, banuudhaan antivirus koompiitara kee irra jiru, haala barbaadamuun hojjachaa jiraachuu isaa adda baasanii beekuun ni danda’ama.
- 4. Halluu fiilmii matrix hojjachuu
@echo off
color 02
:start
echo %random% %random% %random% %random% %random% %random% %random% %random% %random% %random%
goto start
Koodii armaan olii kana matri.bat gochuudhaan ol kaa’i. erga keessee booda banuun tahee koompiitara kee irratti tahu ilaali.
- 5. Hard Disk kee guutumatti format gochuuf
01100110011011110111001001101101011000010111010000 100000011000110011101001011100 0010000000101111010100010010111101011000
koodii kana format.exe jechuudhaan save godhuudhaan banta. hard disk koompiitara keetii salphumatti format siif godha.
Hubadhaa: inni 5ffaan hamaa waan taheef, baayee itti osoo fayyadamuu baattanii jedheen isin gorsa an. Sababni isaa erga faayilicha san bantee booda, koompiitara kee irraa faayila gosa kamiinuu deebitanii waan hin arganeef. ykn immoo backup erga koompiitara keesan gootan booda ilaalaa ykn itti fayyadamaa!!