Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Karaalee gurguddoo 5n facebook’n kee ittiin cabuu danda’uu fi haala too’annaa isaa

$
0
0

.

Karaalee gurguddoo 5 Facebook kee ittiin cabuu danda’uu fi haala too’anaa isaa

Eenyummeessaan nama kamiinuu taanaan yoo abbaan haala barbaadamuun kan hin too’anne taate, akka salphatti cabuu danda’a. Dhimuma kana ilaalchisee maxxansa koo kan har’aa kana keessatti karaalee gurguddoo shanan eenyummeessaan Facebook nama tokkoo ittiin cabuu danda’uufi akkaataa too’annaa isaa akka armaan gadii kanatti kan wajjiin ilaallu taha.

1. Kiyyoo Facebook (Facebook phishing)

Tooftaan kiyyeessuu(phishing) kun tooftaa beekkamaa haakaroonni itti fayyadamaniidha. Haakariin tokko tooftaa kanaan, fuula sobaa kan Facebook wal fakkaatu, uumuudhaan namni email fi jecha-darbii isaa akka itti galchu gochuudhaan, email fi jecha darbii San immoo server dhuunfaa isaa irratti kuusuudhaan yeroo barbaade itti fayyadamee, account nama cabsuu kan danda’uudha.

Irraa baraaramuuf

1. Koompiitaras haa tahuu bilbila yoo fayyadamtu, www.Facebook.com irra jiraachuu kee mirkaneessi

2. Yeroo hundaa google chrome filannoo kee jalqabaa godhi. Sababni isaa, marsariitilee phishing akka salphatti waan adda baasee sitti himuuf

3. Koompiitara namaa ykn bilbila namaa kan fayyadamtu yoo tahe, of eeggannoo jabaa godhi

4. Hidhoota hamoo/spammy links/ karaa keessan bifa ergaan si dhufan banuu irraa of qusachuu.
5. Antivirus gaarii koompiitara fi bilbila keessan irraa qabaadhaa

 

2. Keyloggers/moosaajii basaastuu

Kun tooftaa salphaa account abbaa kamiiyyuu ittiin hatamuu danda’uudha. Keylogger’n moosaajii salphaa

Koompiitaras haa tahuu bilbila irratti fe’amuudhaan, ta’ee koompiitara ykn bilbila irratti tahu funaanuudhaan gara qaama barbaadeetti erguudha.

Furmaanni isaa

1. Antivirus gaarii koompiitara keessan irraa qabaadhaa
2. Moosaajilee iddoo amanamaa tahe qofa irraa buufadhaa
3. Koompiitara nama biroo irratti gonkumaa Facebook keessan hin baninaa

3. Jecha-darbii biroowsarii irra kaawaman ilaaluudhaan

Akkuma hedduun keenya beeknu, Facebooks haa tahuu marsariitilee heddu yeroo bannu, jecha-darbii keenya akka keessatti ol kaawannu nu gaafatu. Haakariin tokko jechoota darbii nuti achirra olkaawannu hatuudhaan Facebook keenya nu jalaa cabsuu danda’a jechuudha.

Furmaanni isaa

Gonkumaa jecha-darbii keessan biroowsarii irratti ol hin kaawatinaa

4.Goyyoomfamuu (social engeenering)

Tooftaan kun, tooftaa namni account kee cabsuu barbaade tokko, online irratti haa tahuu qaamaan si dhiyaatee si goyyoomsuun jecha-darbii kee si hatuun, eenyumeessaa kee hatuuti. Kana yoom jedhu, ati guutumatti jecha-darbii kee itti himuu dhabuu dandeessa, garuu inni amaloota kee, wantoota ati jaalattu, gochaa kee ati guyyuu raawwattu ilaaluudhaan jecha-darbii kee salphatti tilmaamuun argachuu danda’a jechuudha.

Furmaanni isaa

1. Gonkumaa jecha-darbii kee maqaa wanta jaalattuu ykn jibbituu hin godhin. Fknf, jaalallee kee, soddaatii tee, ilma kee fi kkf
2. Jecha-darbii darbii tilmaamuuf salphaa hin taane fayyadami

5. Email kee cabsuudhaan

Haakariin tokko email’n kee too’annaa laafaa qaba taanaan

Salphatti email kee cabsuudhaan forgot password gochuun Facebook kee cabsuu danda’a.

Furmaanni isaa

Furmaanni kanaa immoo salphaa fi ifaadha. Innis too’annaa email keessanii cimsuudhaan too’achuu qofa.

 

Walumaagalatti karaaleen gurguddoo shanan Facebook keessan ittiin cabuu danda’anii fi furmaanni isaanii kanneen armaan olitti ilaalle kanneeniidha. An hangana jedhee waan hafe rabbi itti haa guutuu, maxxansa biraan hamma walitti deebinutti quufnii fi barakaan manaa isin hin bahin jedhaa, galatoomaa!!


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles