Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Sirboota Afaan Oromoo YouTube irratti baay’inaan ilaalaman Kurnan

$
0
0

Sirboota Afaan Oromoo baay’inaan YouTube irratti daaw’ataman kurnan

Walleewwan Afaan Oromoo isaan haaraa reef bahanii fi kanneen durii hedduun isaanii YouTube irratti fe’amanii jiru. Walleewwan Afaan Oromoo hanga ammatti YouTube irratti fe’amanii jiran keessa baay’ina olaanaadhaan hanga ammaatti kan daaww’ataman kurnan kanneen armaan gadii kanneen.

 

10. Galaanaa Gaaromsaa – Amala kee

Walleen kun oomisha istuudiyoo raayyaa yoo tahu, hanga ammaatti si’a 954,467 ol daawwatamuudhaan sadarkaa 10ffaa qabatee jira.

9. Saaliyaa Saamii fi Kadiir Martuu – As Koottu

Sirbi Saaliyaa fi Kadiir kun sirboota YouTube irratti baayinaan ilaalaman keessa tokko yoo tahu, hanga amma kana qofatti yeroo 1,008,964 ol ilaalamee jira.

8. Yaaneet Dinquu fi Habtaamuu Lamuu – Naaf si foon

Walleen kun shaggooyyeedha. Habtaamuu fi Yaanet waljalaa qabuudhaan akka ajaa’ibaatti kan sirbaniidha. Innis youtube irratti nama 1,012,156 oliin daawwatamee jira.

7. Hirphaa Gaanfuree – Madda Gammachuu

Akkuma hedduun keessan beektan, walleen waallisaa jaalatamaa kanaa namoonni hedduun ni jaalatu. YouTube irrattis hanga an amma maxxansa kana barreessaa jiruutti, yeroo 1,092,937 ol daawatamee jira.

6. Farhaan Baddeessaa – Shagagii

Walleen Farhaan kun hanga ammaatti yeroo 1,123,377 ol youtube irratti daawwatamee jira. Wallee baay,ee midhaagaa fi jaalatamaa taheedha.

 

5. Saaliyaa Saamii – Raayyaa

Artist Saaliyaan Wallee kana hojjachuuf bara 2015tti qaamaan gara Oromoota warra raayyaa imaltee turte. Qaamaan achi dhaquun ishiis hordoftoota ishee biratti jaalatamumma guddoo gonfachiiseera. Walleen kunis hanga si’a 1,131,145 ol daawwatamuudhaan sadarkaa 5ffaa qabateera.

4. Leencoo Abdushakur Naa haayyami

Sirbi kun yeroo 1,274,269  ol daawwatamuudhaan sadarkaa 4ffaa qabatee jira. Video isaa kanaan booharaa.


3. Yaanet Dinquu fi Shukrii Jamaal – Sin yaada

Sirbi yaanet fi shukriin waltahanii bara 2014tti sirban kun, sirba Bayee jaalatamaa fi dhageefatoota heddu horateedha. Hanga ammaatti yeroo 2,151,109 ol ilaalamee jira.

2. Shukrii Jamaal – An sumaafan malee

Wallee sadarkaa 2ffaa qabatee jiru, Wallee Shukrii “an sumaafan malee” jedhuudha. Video sirba kanaa kan nama fi shubbisni isaa baayee kan nama booji’uudha. Kana irratti immoo sagaleen kiilolee Shukriis akka dammaa mi’oofti. Hanga ammaatti yeroo 2,190,875 ol daawwatamuudhaan sadarkaa 2ffaa qabateera.

1. Haacaaluu Hundeessaa – Maalan jira?

Sirbi kun badhaasa “best music video award” kan bara 2015 kan injifate yoo tahu; hanga ammaatti yeroo 3,551,329 ol ilaalamee jira. Sirba kana keessatti ergaawwan ciccimoon sabaaf tahan hedduun keessatti dabarfamanii jiru.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles