Bara 2050tti nyaata firiijii dhangala’aa keessa kaawattu
Dubbichi Akkana. Dhaabbanni qorannoo Electrolux jedhamu, mi’a manaaf kan tahu, akka hojjataniif wal dorgommii qopheesse. Wal dorgomicha irrattis barataan Raashiyaa Yuriy Dmitriev jedhamu “bio robot refrigerator” jedhamu hojjate.
Firiijichi inni hojjate, dhangala’aa jeelii addaa “biopolymer gel” jedhamu fayyadamuudhaan nyaatas haa tahuu wanta nuti keessa ol keenne nuuf qorrisiisa.
Haalli qabiyyee firiijichaa, firiijota nuti amma beeknuun guutumatti adda. Balbalas tahee, wantoonni heddu nu beeknu ofirraa hin qabu. Firiijicha kana yoo barbaanne ciibsuu, dhaabuu feenus immoo baaxii mana/koornisii/ irratti akka ampuuliitti maxxansuu dandeenya.
Gama anniisaatiinis, humna xiqqoo qofa kan fudhatu yoo tahu, firiijota amma jiraniin yoo walitti madaalamu hamma anniisaa dhibbantaa 90% kan qusatuudha.
Rabbi achiin nu gahee, nutti haa garsiisu jedha. Horaa bulaa quufaa deebanaa!