Jaalallee lamaan kan haalan wal jaallata yeroo dheeraa
SEENAA_DHUGAA!
- Isaan kunneen gar-malee waan wal-jaalataniif ija isaanii afoo wal-dhabuu kan hin feene yoo ta’an, akka carraa ta’ee guyyoota hedduuf osoo ijaan wal hin argin addaan waan turaniif inni dhiiraa sun jaalallee isaa yaadee bilbiluufii eegale!
~Dhiira = “Heloo lubbuu too, akkam naaf jirta?”
~Dubara = “Heloo sabboonaa koo, naga jira ati akkam naaf jirta?”
~Dhiira = “Takkattii too, waan yaada keetii malee naga kooti!!
~Dubara = “Siifuu koo, anillee akkasumatti si yaadaa jiraa bar!”
~Dhiira = “Tole si malee too, har’a wal haa garruu kaa!”
~Dubara = “Dhiifama ruhii koo, guyyaa biraa yoo ta’e malee har’a natti hin tolu!”
~Dhiira = “Hayye daawwitii too, rakkoo hin qabu. Garuu har’a eessa deemuu hedda?”
~Dubara = “Bareedaa koo, warri adaadaa tootii har’a cidha wahii waan qabaniif harmee too wajjiin achi deema jedheeti. Ati hoo har’a maaf na barbaaddeeyyu?”
~Dhiira = “Bareeddu too, obboleessi koo kan Ameerikaa jiru sun miilana qarshii guddoo waan naa ergeef wantoota ati jaalattu kanneen akka Mobaayilaa, Qamisii, Wandaboo, Kootii, Kophee fi k.k.f siif bita jedheeti!”
~Dubara = “Lubbuu koo, amma hatantamaan haa dhufuu ree?”
~Dhiira = “Harmee too wajjiin cidha deemaa jira jechaa hin jirtuu amma?”
~Dubara = “Abdii koo, siin qoosee bar!!!”
~Dhiira = “Kijibduu too, anillee siin qoosee bar!!!”_KKKKKKKKKKK….!!!
HUBADHAA:-Kana yoon jedhu intalti takka gocha kana raawwattee turte jechuu kooti malee, dubartoonni hundi gocha akkanaa raawwataa jiru jechuu koo akka hin taane cimsaa, cimsaa, cimsaa naaf hubadhaaa!