Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

WAANAN GODHU WALLAALE! MALA NAA MALAA

$
0
0


Ganamoo Liibanin jedhama. Kan ani jiraadhu biyya Amerikaa magaalaa Chicago dha. Gidduu kana rakkoo tokkoti na mudatee jira.

Rakkoo na mudate kanaaf gorsa akka naaf kennitan fedha.
Erga biyya Amerikaa dhufee waggaa 6 ga’eera. Kanin biyya Amerikaa kana dhufes haadha manaa koo waliinidha.

Haadha manaa koo wajjin kan wal barre yeroo Koolleejjii barannudha. Otuu wal hin fuudhiin dura, hiriyyummaan waggaa 4 waliin turre. Amma garuu, erga wal fuunee waggaa 8 ta’eera. Wal fuunee waggaa lamaa booda, carraa DV dhaan lachuun keenya iyyu biyya Amerikaa dhufne.

Gaa’ela erga godhannee waggaa 8 haa ta’u iyyu malee, amma yoonaa dhala hin arganne. Ani fi haati manaa koo dhala godhachuu baayy’ee hawwina; baayy’ee barbaanna. Keessumaa ani mucaa godhadhee ijaan arguuf baayy’een jarjara.

Haa ta’u malee, dhala argachuu hin dandeenye. Waaqayyo guyyaa tokko mucaa nuuf kenna jennee amannee abdiin eeggachaa jirra.

Mucaa godhachuu dhabuun keenya jaalala anaaf haadha manaa koo gidduu jiru hin hir’isne. Jaalalli nuyi waliif qabnu akkuma bara Koolleejjii waliin barannuu sanadha. Lachuu keenya iyyu baayy’ee wal amanna.

Baatii sadii dura obboleettiin haadha manaa koo biyya irraa dhuftee nu bira jirti. Haati manaa koo fi obboleettiin ishee wal irratti dhalatan. Garuu kan angafu haadha manaa koodha. Bifti isaanii baayy’ee wal fakkaata.

Haaluma jiruu fi jireenya biyya Amerikaa kana waan ta’eef, tokko halkan hojjeta; tokko immoo guyyaa hojjeta. Ani guyyaan hojjedha. Haati manaa koo immoo halkan hojjetti. Obboleettiin haadha manaa koo immoo hojii hin jalqabne waan ta’eef manuma jirti.

Dhiyeenya kana lafa hojii koo taa’ee waggaa 8 guutuu dhala hin argatiin turuun keenya kun maali inni ya Waaqayyo jedhee mataa of irraa ciraa, gumgumaan oole. Guyyaa kana aariin mataa na yaabe. Ani amala dhugaatii Alkoolii hin qabun ture.

Guyyaa kana garuu baayy’ee waanin aareef, tarii aarii koo narraa hir’isaa jedheen hojii ba’ee mana dhugaati tti gore. Baayy’isee dhugeen gara manaatti gale.
Namni dur amala dhugaatii hin qabne gaafa baayy’ee dhugu waan baayy’ee balleessa.

Anis gaafa kana halkan obboleetti haadha manaa koo waliinan ciise. Aarii tokkon of irraa balleessa jedheen aarii biraa ofitti dabale. Ganama gaafan ka’u baayy’een gadde. Obboleetti haadha manaa koo kanas dhiifaman gaafadhe. Garuu wanta raawwanne kana haadha manaa koo ni dhoksine.

Haa ta’u malee, baatii tokkoo booda lafa hojii otuun jiru, obboleettiin haadha manaa koo kun naaf bilbiltee, “har’a mana yaalaa deemeen ture, waanin sitti himun qaba yeroo galtu” naan jettee bilbila cufte. Anis naasuudhaan hojii hojjechuun dadhabe.

Hojii koo irraa ba’ee manan ga’e. Yeroo kana haati manaa koos mana jirti. Haa ta’u malee sa’aatiin hojii ishee ga’aa jira. Nyaata nyaannee buna dhugne. Haati manaa koos hojii isheetti qajeelte. Kanaan booda anis, Egaa isa sila jette natti himi jedheen obboleetti haadha manaa kootti dubbadhe. Lapheen koo garuu diq diq diq jedhee dho’uuf jedha. Akka hollachuus na godha.

Obboleettiin haadha manaa koos dhuftee soofaa irra na cinaa teessee, “har’a mana yaalaa deemee Dr koo argeen ture. Innis, ulfa ji’a tokkoo akkan ta’e natti hime” akkuma jetteen fuula ishee irra imimmaan gadi roobsuu eegalte. Anis yeroo kana harka koo lamaan fuula koo irra godhee jilba koo irratti gadi gombifameen boo’uu eegale.

Boonyee erga fixannee booda, maal goonu jennee wal gaafanne. Ani mucaa argachuu kootti natti tola, garuu haadha manaa koo waggaa 12 ol wal jaallanne wajjin wal dhabuuf deemna.

Haati manaa koo fi obboleettiin ishees wal loluuf deemu. “Ulfa kana nan baasa moo maal goona” jettee natti dubbatte. Anis, ati maal yaadde? jedheen deebisee ishee gaafadhe. Isheenis waan jettu wallaalte. Mee otuu isin ta’ee maal gootu? Gorsa akkamii nuuf kennitu? Maal goonu?
Galatoomaa


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles