Lixa Oromiyaatti Maaltu Ta’e
•Fulbaana 15/2011 hoggantootni godinaalee fi aanaalee ollaa waldaangessan kan Naannoo Oromiyaa fi Benishaangul Gumuz marii irra turani. Mariin kun haala nageenya waliinii fi namoota rakkkoo kanaan dura uumamee tureen
naannoo Benishaangul irraa buqqa’anii turan lakkoofsi isaanii kuma 13 ta’u yeroo ammaa annaa Mana Sibuu fi Qilxuu Kaarraa qubatanii jiran akkaataa qe’ee isaaniitti deebisuun danda’amu irratti kan xiyyeffate tutre. Mariin kun Bambaasiitti geggeffame.
•Guyyaa itti aanu Fulbaana 16/2011 Magaala Mandii Irratti marii itti fufanii walii galteedhaan xumurani. Marii kana irratti bulchitoota godinaalee fi aanoolee,
akkasumas itti gaafatamtoota bulchiinsaa fi nageenyaa Godinaalee fi aanaalee olla kan naannoolee lamaaniitu irrratti hirmaate.
•Fuulbana 16/2011 galgala mariin erga xumuramee booda hoggantootni Benishagul Gumuz irraa dhufan gara godina Kamashiitti osoo deebi’aa jiraanii Maqa Biilaa bakka jedhamtu yoo gahan
naannoo sa’aatii 10:30tti humni maqaa WBOtiin hidhatee socho’u konolaataa dhaabsisuun dhukaasa hoggantota kanarrattti bane.
Dhukaasa kanaanis Bulchaa anaa Kamaashii dabalatee namootni afur battalumatti dua’ani. Konkolaataa 2 namootni kun ittiin imalaa turanis gubate.
•Rakkoon qaqaabe kun yoo dhagahamu godiinni Kamashii gara jeequmsaatti galte. Karaan cufame. Bakka Muraasatti walitti bu’iinsi gumuz Oromoo gidduutti uumame.
Godina W/lixaa aanaa Boojii Dirmajjii ganda Inimaayii Booldii jedhamtu, kan kamashii waliin waldaangessitu keessatti rakkoo uumameen Dhalattootni Oromoo lama lubbuun isaanii dabarte lamaa ammo mamadhaani.
•Sodaa walitti bu’insaa hamaan godina Kamaashii keessaatti uumame. Oromootni Benishangul Gumuz godina kamaashii aanaalee Yaasoo Soogee keessa soda nageenyaatiin namootni kumaatamaan kakkawaman buqqa’anii gara Bahaa Wallaaggaa aanaale Diggaa, Haroo Limmuu fi Sassiggaatti baqatanii jiru.
•Rakoon godina Kamaashii keessatti uumame balaa akka hinqaqabsiifne poolisiin Federaalaa fi raayyaan ittisa biyyaa hojii nagaa eegsisuu hojjetaa jiru. Jilli hoggansa ol’aanaas Gadi bu’ee rakkinicha tasgabbeessuu fi namoota buqqa’an qe’eetti deebisuuf hojjetamaa jira.
•Namoota buqqa’aniif deggersi barbaachisu gama motummaa naannoo ormiyaatiin taasifamaa jira.
•Lixa Oromiyaatti nageenya waara’aa mirkaneessuuf humni hidhatee socho’u akkataa waliigaltee ABO waliin taasifameen hidhannoo isannii hiikkatanii hatattamaan gara kaampiitti akka galan hojjetamaa jira.
Yeroo gabaaba keessattis nixumurama jennee abdanna. Kanaan alatti humnootni hidhannoodhaan soch’aaa nageenya ummataa booressanii fi yakka addaa adddaa irratti hirmaatan irratti tarkaanfiin seera kabajichiisuu kan fudhatamu ta’a.