Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

WordPress.com fi WordPress.org keessaa kamtu irra filatama?

$
0
0

Namni haaraa biloogii jalqabuu barbaadu kamuu yaaddolee fi gaafilee adda addaatiin ni qabama. Iddooleeniifi dhaabbileen gara garaa tajaajila biloogii tolaa kennan heddutu jira. Fakkeenyaaf kanneen akka Tumblr, blogger, wordpres.com fi kkf kanneen biroo hedduun tajaajiloota biloogii tolaa kennutu jira. Isaan keessaa namni biloogii haaraa eegalu tokko kamitti akka fayyadamu filachuudhaaf baayee rakkata.

Gaafiin dursa nama haaraa irratti dhufu keessaa tokko “Isa kamtu gaariidha? wordpress.com fayyadamuu moo wordpress.org fayyadamuu ykn immoo kanneen biroo fayyadamuu laata?” kan jedhuudha. kaayyoon guddaan maxxansa kanaas gaafilee kanaaf deebii kennuu yoo tahu, hanga xumura maxxansa kanaatti yoo dubbifte tajaajiloota wordpress.com fi wordpress.org kennanii fi hin kennine hundaa barreessee jira waan taheef, isa kamtu gaarii akka tahe salphatti adda baafachuu dandeessa jechuudha. Kana jechuun filannoo isiniif dhiisa jechuu kooti.

“kan abbaa caalaa beeku, falfalaadha waan jedhamuuf”

Osoo gara qabiyyee maxxansa kanaatti bal’inaan hin seenne, maalummaa wordpress gabaabinaa haa ilaalluu.

WordPress maaliidha?

WordPress’n moosaajii madda banaa tahee marsariitilee gara garaa ittiin hojjachuuf tajaajiluudha. WordPress yeroo jalqabaaf bara 2003tti haayyama GPLV2 jalatti akka madda banaatti dhiyaate. Moosaajiin kun PHP fi MySQL dhaan kan hojjatame yoo tahu, marsariitileen addunyaa irra jiran 23% caalaan yeroo ammaa kana WordPress dhaan kan hojjatamaniidha. Marsariitiin kunis (www.arsicha.info) wordpress dhaan hojjatame.

WordPress’n nama kamiifuu akkaataa bobboca marsariitilee salphisee jira. Kana jechuun koo namni kamuu haala salphaadhaan osoo barnoota koodiingii hin baratin marsariitii isaa bobbocuu/design/ gochuu danda’a jechuu kiyya.

Iddoo biloogii irratti eegaluu barbaaddu filachuun gochaa ati raawwachuuf karoorfatte irratti hundaa’a. Haa jennuu mee biloogii wanti eegaluu barbaaddeef odeeffanoma gara garaa qofa irratti barreessuuf yoo tahe, qajeelumatti gara wordpress.com ykn immoo kanneen akka Tumblr, blogger fi kkf irraa akka salphatti eegaluu dandeessa.

Yoo biloogii kee irraa akka biloogerritti maallaqa hojjachuu barbaadde, ykn immoo dhaabbata fi hojii kee beeksifachuu barbaadde tahe qajeelumatti gara wordpress.org deemuudhaan server kireeffattee ykn (kee irratti  😂 😛) marsariitii miidhagaa akka barbaaddetti too’achuu dandeessu uummattaa jechuudha.

Faayidaalee WordPress.org

  • Salphaa fi tola fayyadamuudhaaf
  • Mirga abbumma kee 100% qabaatta
  • Bobboca dhuunfaa keetii kan barbaadde 100% irratti fe’uu dandeessa
  • “plug in” gara garaa kanneen tolaa fi kafaltii barbaadan fayyadamuu dandeessa
  • Beeksisa gara garaa irraa maallaqa argachuu dandeessa
  • Qorannoo gara garaaf itti fayyadamuu dandeessa
  • fi tajaajiloota biroo heddu

Miidhaa WordPress.org

  • Server gaarii qabaachuu si barbaachisa
  • Server dhaaf immoo maallaqa ji’aan ykn waggaan maallaqa kafaluu si barbaachisa(yoo kan dhuunfaa hin qabaanne tahe 😜)
  • Daataa kee olkaawuuf(back up) gochuuf itti gaafatamummaa qabda
  • yaadota SPAM tahan too’achuuf itti gaafatamummaa qabda

Faayidaalee WordPress.com

  • Tolaa fi salphaadha
  • Iddoo hamma 3GB tola argatta
  • Daataa kee ol kaayuuf hin cinqamtu

Miidhaa WordPress.com

  • Beeksisoota hin barbaachifne marsariitii kee irratti ni maxxanu
  • Beeksisa dhuunfaa keetii maxxansuuf yoo xiqqaatee ji’atti yeroo 25,000 ol daaw’atamuu qaba
  • Yoo beeksisas keesse galiin 50/50 dha
  • “plugin” fayyadamuudhaaf $3750 ji’aan kafaluu qabda. hin nyaattaa 😡
  • Bobboca dhuunfaa keetii marsariitii kee irratti fe’uu hin dandeessu. fe’uudhaaf $30 waggaan kafaluu qqabda
  • Marsariitii kee qorannoof itti fayyadamuu hin dandeessu
  • Marsariitii fi daataa kee irraatti mirga abbummaa hin qabdu
  • fi too’annoolee hin barbaachifne kannen biroo heddutu jiru

Xumura irratti

Xumura irratti wanti an jedhu yoo jiraate, faayidaalee fi miidhaalee jara lameenuu wal maddi qabee gabaabinaan barreessuuf yaaleen jira. “yoo abbaan jaalate rajiijiin dalluudha” jedhama. Ka isin baasu isinumatu beeka. Maxxansi kunoo isinitti akkam tolee jiraa? Jaalattan taanaan hiriyoota keessaniifis dabarsaa, homaa itti hin kafaltan waan taheef.

Galatoomaa!!


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles