Shaashamanneetti namoonni nama ajjeessun gadi garagalchanii fannisan irratti himanni banamuufi
Magaala Shaashamanneetti shakkamtoota nama ajjeessun gadi garagalchanii fannisan 14 too’ataman keessaa namoota 6 irratti himanni banamuuf akka ta’e Poolisiin magaalichaa beeksiise.
Namoonni kunneen simannaa Daarektar OMN fi xinxalaa siyaasaa obbo Jawaar Mohaammad Hagayya 6,2010 magaala Shaashamanneetti taasifame irratti jeequmsa uumun nama tokko haala sukkanneessan ajjeesun gadi garagalchanii fanniisuun shakkamanii too’atamuu galmeen abbaa alangaa ni agarsiisa.
Ajajaan Qajeelcha Poolisii magaalichaa Komaandar Makoonnin Taaddasaa akka ibsanitti,shakkamtoota 6 irratti ragaan quubsan waan argameef abbaan alangaa himata banuufi jedhaniiru.
Shakkamtootni kunneenis guyyaa har’aa mana murtii olaanaa magaala Shaashamanneetti ni dhiyaatu jedhaniiru.
Hagayya 6,2010 magaalichatti rakkoo simannaa irratti umaameen lubbuun namoota 3 darbuu fi konkolaatan Poolisii tokko gubachuun ni yaadatama.