Ayyaanni maanguddoota guyyaa har’aa kabajame
Ayyaanni maanguddootaa guyyaa har’aa magaalaa Adaamaatti marii paanaalin kabajameera.
Ayyanichi akka addunyaatti yeroo28ffaaf akka biyya keenyatti immoo yeroo 27ffaaf kan kabajamuudha.
Ayyanni maanguddoota bara kana dhaadannoo duree ‘hirmaannmaa fi fayyadamummaa maanguddoota Oromiyaa yaa mirkaneesinuu’ jedhuun kabajame.
Hoggantuun Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa aaddee Fatiyaa Mohammad haasawa ayyanicharratti taasisaniin Manguddoonni madda beekumsaa waan ta’aniif, yeroo hundaa kunuunfamuu qabu jedhaniiru.
Maanguddoonni jijjiirama amma argame cinaa hiriirun qeerroo fi qarree keenya gorsuu fi humna misooma akka ta’an taasisuu keessatti gaheen qaban ol’aana akka ta’e himaniiru.