Injiinar Taakkalaa Uumaa jila Itti aanaa Komishinii Gamtaa Afrikaa Kuweesii Kuwaartii waliin mari’atan
Itti Aanaan kantiibaa magaala Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa jila Itti aanaa Komishinii Gamtaa Afrikaa Kuweesii Kuwaartii waliin waajjira isaanitti mari’atan.
Marii isaanis magaala Afrikaa kan taate Finfinnee keessatti hojiilee bu’uuraalee misoomaa raawwataman qindoominaan haala hojjechuu danda’an irratti waliin dubbatan.
Keessattuu bulchiinsi magaalittii giddu gala turiizmii gochuuf hojii jalqabame komishinich kan deeggaru ta’uu jilichi himaniiru.
Magaala Finfinnee magaala guddittii Afrikaa taasisuuf proojektoota Afrikummaan keessaa calaqqisu hojjechuuf walii galtee irra gahamuu odeeffannoon waajjira kantiibaa irraa argame ni mul’isa.