MM Dooktar Abiy Ahmad torbee dhuftu daawwiif gara Awurooppaa imalu
Muummeen ministira FDRI Dooktar Abiy Ahmad torbee dhufu daawwiif gara Awurooppaa imalu.
Daawwii isaanii jalqabaas Faraansaay yoo ta’u, preezdaantii biyyattii Amaanu’eel maakurinii waliin ni mari’atau.
Sana boodas gara Jarman kan imalan yoo ta’u,Angeelaa Meerkil waliin dhimmoota garaa garaa irratti mari’atu.
Ministeerri Dhimma Alaa ibsa har’a kenneen, Dooktar Abiy Ahmad Onkololeessa 21,2011 Ityoophiyaanota kuma 25 ol waliin Firaankifiruutitti ni mari’atu.
Muummeen ministiraa daawwii kana kan taasisan affeerraa dureewwan biyyoota kanneenin taasifameeni.