Dargaggoonni Finfinneedha qabamanii Xollaayyitti leenji’aa turan gadhiifaman
Rakkoo nageenyaa Finfinneetti umaameen wal qabatee dargaggoonni too’atamuun Xollaayyitti leenjii irra turan gadhiifamaniiru.
Dargaggoonni kunneen Fulbaana 2 hanga 8,2011tti rakkoo nageenyaa umaameen too’annoo mootummaa jala oolan.
Itti gaafatamaan Qunnamtii Ummataa Komishinii Poolisii magaala Finfinnee Komaandar Faasikaa Faantaa Faanaa Broodkaastiingi Koorporeetitti akka himanitti,ganama har’aa mariin waliinii erga taasifamee booda konkolaataa gara Finfinneetti deebisu mijeessun gadhiifamaniiru.
Dargaggoonni amma gallakifaman kuma 1 fi 174 yoo ta’an, 30 dura sababa rakkoo hawaasummaa garaa garaan bahanii turan.
Dargaggoonni kanneeni leenjii yakka irraa isaan ittisuu fi kan biroo ji’a tokkoof fudhachuun gara maatii isaanii deebi’aa jiru.