Obbo Taaggasaa Caafoo af yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ta’uudhan filataman.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idileesaa har’a gaggeesseni obbo Taaggasaa Caafoo af yaa’iisaa godhatee kan filate.
Obbo Taaggasaan mana marichaa fulduratti dhiyaachudhaan waadaa galaniiru.
Af yaa’iin duraanii aadde Muufariyaat Kaamiil taayitaa isaanii obbo Taaggasaa Caafotiif dabarsaniiru.
Aadde Muufariyaat iyyannoo na gadhiisaa mana marichaatif dhiyeeffatanii ministira Ministeera Nageenyaa ta’anii muudamuun isaanii ni yaadatama.