Lakkuuwwan Tanzaaniyaa Mariyaa fi Konsolaataa ganna 21tti du’aan boqotan
Lakkuuwwan Taanzaaniyaa walitti qabatanii dhalatan du’an Maariyaafi Konsolaataa rakkoo qaama hargansuutiin walqabatee isaan mudateen hospitaalatti yaalamaa osoo jiranii, ganna 21tti du’aan boqotan.
Shamarran lakkuu handhuuraa gaditti qaama tokkoo qaban kunneen qaamolee akka somba fi kalee tokko yoo qooddatan, onnee, mataafi harka kan ofii isaanii qabu turan.
Muddee keessa rakkoo fayyaa isaan mudateen hospitaala galani, sambata darbe du’aan boqotaniiru.
Lammiileen Taanzaaniyaa hedduun gadda itti dhagaahame marsaalee hawaasaa irratti ibsataa jiru.
Maariyaafi Konsolaataan “abjuu biyya isaanii tajaajiluu qabu turan” kan jedhan pireezidantiin Taanzaaniyaa Joon Magufuulii baay’ee gadduu isaanii tiwiitarii irratti barreessaniiru.
Gaaffiifi deebii bara darbe BBC waliin taasisaniin lakkuuwwan kunneen baruumsa yuunivarsiitii isaanii xumuranii barsiisota ta’uu akka barbaadan dubbatanii turan.
“Piroojaktariifi kompiitara fayyadamuun barsiifna,” jedhanii turan
Deeggarsa mootummaafi dhaabbilee dhunfaatiin godhamaafi tureenis baruumsa isaanii itti fufanii turan.
Yaala baqaqsanii wal-aanuun gargar bahuu cimsanii kan balaalleffatan Maariyaafi Konsolaataan, gaaf tokko abbaa warraa tokkotti akka heerumanis abdii akka qaban BBC’tti dubbatanii turan.
Maatiin isaanii wayita isaan daa’ima turan kan jalaa du’an shamarran lamaan dhaabbata tola-oolaa mana amantaa Kaatolikiitu maqaa itti moggaasee guddise.
Bara darbe wayita mana barumsaa sadarkaa lammataa irraa eebbifaman, sadarkaa biyyaatti gammachuu guddaa uumee ture.
Madda BBC