Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Haasawa Dr. Abiy Ahmed | Doktarri Jaalalaa biyya Jarmanii magaala Frankfurtitti godhe !

$
0
0

Wal tumsinee yoo tokko taane injifannoon keenya fagoo miti.

Mirga abbaa biyyummaa kan nama gaafannee arkannu osoo hin taane qabsooynee kan arganneedha.

Akkuma nuti Xaanaan keenya Amaariffi keenya janne, isaaniis Afaan Oromoo keenya jachuu qabu.

Xaaliyaan bara afrikaa koloneeffatte afaan hojii federaalaa 5 akka tahuuf qorannoo gootee turte. Wanta isaan bara san yaadan nuti arra dadhabne.

Hanga buqqaasaan buqqisuu dhaabutti buqqa’uun hin dhaabbatu. Ummata kan buqqisu hanga Jaartii isaa manaa shorrooysee manaa baasuttii ummata buqqisuun hin dhaabbatu.

Gama haqaa, haala qabiinsa mirgoota namoomaa, yaada bilisaan ibsachuu irratti baayyeetu nu hafa ”Haqaa fi demokraasiin waan barbadaman qofaaf hin argaman, dhaabbilee kana mirkaneessan ijaaruun malee,” jedhaniiru.

Dhaabbileen kana mirkaneessan bakka hin ijaaramnetti, haqa hawwinu osoo hintaane, seermaleessummaatu dagaaga.” jedhaniiru.

Yeroo dhiyoottis damee haqaarratti murteewwan itti fufinsa qaban akka fudhatanii fi madaalliin saalaas damee haqaa keessatti akka irra deebi’amus dubbataniiru.

Boordii filannoo fooyyeessuufis hojjetamaa jira. Boordiin filannoo bilisaa fi amanamoo akka tahuuf fooyya’insi seeraa fi caasaa godhamaa jira.

Rifoormii dhaabbilee tikaafi ittisa biyyaa irratti hojjatamaa jira. Ittisni biyyaa akka cimuuf biyyoota biraa waliin hojachaa jirra.

Gama kaaniin ammoo Mindaa keessan osoo hin taanee, ammas guyyaan doolaara tokko akka nuuf kennitan isin gaafanna.

‘Abdiin qaba’

Waggoota kudhan booda, Itoophiyaa rakkooshee hunda seenaa goote, hin kufneefi kan duubatti hin deebine… kan Afrikaanonni ittiin boonan, faayaa addunyaa nan arga.

Abdiin qaba!… lammiileen biyyattii baqannaa fi rakkoolee garagaraan qe’eesaanii dhiisanii biyyoota adda addaatti faca’anii jiran… biyyasaanii iddoo fedhanitti jaalalaa fi ollaa gaarii tahanii yeroon itti jiraatan fagoo miti.

Abdiin qaba!… Dargaggoonni Itoophiyaa abdii hin mirkaanoofne Awurooppaarraa qabaniif jecha, gammoojjii Sahaaraafi Galaana (Bahaara) Mediteeraaniyaan qaxxaamuruun isaanii xumura argata.

Ijoolleen keenya Awurooppaatti daawwannaaf malee, yeroon itti baqatanii dhufan ni hafa.

Abdiin qaba!…hundi keenya gara qalbii keenyaatti deebi’uun, isa kaleessaa araaraan goolabnee, boruuf ammoo abdii horachuun; biyya itti boonnu ni ijaarra.

Ityoophiyaan durii eegalee biyyoota Awrooppaa waliin hariiroo cimaa qabdi.

Rakkoolee keenya obsinee, gufuuwwan nu mudatan irra tarree biyya jaalannu waliin ijaarra.

Amma kan hin argine bara itti agarru, waan hin yaalles bara itti yaalluudha.

Ityoophiyaan biyya jabduudha; hin injifatamne, hin kuftuus.

Kufaatii keenya kan hawwu, fayya qabeessa jedhee hin amanu.

Itoophiyummaan amma jecharra darbee, gochaan bara itti ibsamurra qaqqabneerra, kanaaf waliin haa dhaabbannuu.

Waan jajjaboo akkuma dhaloota darberraa dhaalle, kan abbaltii nutti ta’anii hafaniis guutaniiru.

Hiyyummaa balleessuu, olaantummaa seeraa fi demokraasii mirkaneessuu, guddina diinagdee dhugoomsuu fi lammiilee Ityoophiyaa qixa fayyadamoo taasisuu, rakkoo bulchiinsa gaarii fi malaammaltummaa furuun nutti hafa.

Kanammoo mirkaneessuuf jijjiirrama eegalame deeggarree; ida’amnee waliin dhaabbachuu qabna.

Boordii filannoo, humna nageenyaa, caasaalee haqaa fooyyessuuf riifoormiirratti argamna.

Yoo wal tumsinee tokko taane, waan xixiqqaa dhiisnee jajjabaarratti yoo xiyyeeffanne; injifannoon keenya fagoo miti.

Ityoophiyaan biyya irraa godaanan akka hin taane, addabaaba’ii Finfinneerra boonnee akka deemnu nan abdadha, ni hojjennaas.

Ityoophiyaan abbumti barbaade yerumaa barbaadetti lafaa ka’ee qixa isaa ta’utti akka qiixxatti baxxisee kan tolchu osoo hin taane, biyya guddoo ummata guddaadhaan ijaarramteedha.

Abdiin qaba, nan amanas!


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles