Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

“Social engeenering” maaliidha?

$
0
0

Guyyoota muraasaan dura ture; hiriyaan koo tokko lakkofsoota 00387603465343, 00447087655034 kanneen lamaan irraa ergaa barreeffamaa tokko dhufeef natti hime. Ergichis akka inni badhaasa guddaa argatee jiruttii fi deebisee akka lakkofsa san irratti bilbilu kan ajaju ture. Innis shakkeeti natti bilbilee na gaafate ture. Anis waan beeku irraa akka inni deebisee hin bilbille ittin himeen. Maaliif garuu?

Sababni isaas osoo inni carratu na gahe jedhee bilbilee; qarshiin isaa yeeroma sana kan fudhatama. Akkasumas; odeeffannoo bilbila isaa irra jiru; funaanuu danda’a. Mee kana dhiiseeti gara ijoo mata duree; kiyyaatti haa isin deebisuu.

Social engeenering jechuun tooftaa haakaroonni sammuu namaa ittiin dogongorsanii icciitii barbaadan ittiin argataniidha. Tooftaan kun karaa salphaa odeeffannoo barbaadan; ittiin argachuu danda’amuudha. Yeroo hedduu; tooftaa kana haakaroonni; tooftaa phishing/kiyyeessuu jedhamu wajjiin wal maddii fayyadamu. Sababni isaa soba dhugaa fakkeessuuf.

Social engeenering karaa sammuu namaa ittiin goyyoomsaniidha jenne; garuu akkamitti? Haakariin tokko yookiin namni tokko sammuu kee dogongorsuuf yoo barbaade; karaalee adda addaa fayyadama. Fakkeenyaaf; karaa ergaa barreeffamaa, bilbilaa, e-mail fi wantoota qunnamtii adda addaatiin fayyadamuu danda’a. Karaalee kanneen fayyadamuun; haakariin tokko; akka waan dhaabbata guddaa tokko keessatti qacaramteetti, carraa guddaa argattetti fi kkf sitti fakkeessuun; odeeffannoo gara garaa akka salphatti sirraa argachuu danda’a.

Akkamitti social engeenering irraa of baraaruu danda’a?

Social engeenering irraa of baraaruuf software haaraa wanti si barbaachisu hin jiru. Hin jiraatus. Wanti si barbaachisu; wanta siif ergame sana maal akka tahe; adda baasanii beekuudha. Barreeffamni adda addaa isin hin beekne; bifa message yoo isiniif dhufe hin deebisinaa, hin bilbilinaa. Kana qofaan kan too’achuu dandeessan.

Waa’ee social engeenering waa akka hubattan abdiin qaba. Galatoomaa!!


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles