Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Hidhoota Gurguddoo Afrikaa shanan

$
0
0

Afrikaan ardii qabeenya uumamaa hedduun badhaatee jirtuudha. Haroowwanii fi laggeen kumaatamaan laakkawan hedduus qabdi. Laggeenii fi haroowwan kanneen irratti hidhoota gurguddoo ijaaramanii jiran shan tokko akka armaan gadii kanatti wajjiin haa ilaalluu.

5. Hidha Akosomboo – Gaanaa

Suuraan Wikipedia irraa

Hiini Akosomboo hidha guddicha Africa keessa isa sadarkaa shanaffaa irratti argamuu yoo tahu; hiini kun bal’ina lafa 8,502 km 2(square km) tahu uffisee argama. Bara 1960tti baajanni doolaara miliyooni 130 itti bahee tajaajila elektiriikii akka kennuuf kan hojjatameedha.

 

 

4. Hidha Takaze – Ethiopia

Suuraan HornAffairs irraa

Hiini kun asuma biyya keenya daangaa Amaaraa fi Tigiree laga takaze irratti ijaaramee kan jiruudha. Hiini kun olee dheerina 185m fi dalgee 710m kan qabu yoo tahu, hidha kana ijaaruuf baajanni doolara miliyoona 360 baasii itti tahee jira.

 

 

3. Hidha Aswan – Egypt

Hidha Aswan

Hiini Aswan biyya Egypt keessatti kan argamu yoo tahu, ijaaramee xumuramuuf baajata doolaara biliyoon1 kan fixe yoo tahu, lafa 5250km 2 kan haguuguudha. Dalgeen hidha kana meetira 3830 yoo tahu, hojjaan isaa immoo meetira 111 kan dheeratuudha.

 

 

2. Hidha katse – Lesotho

Suuraan Wikipedia irraa

Hiini kun biyya Lesotho laga
Malibamat irratti dheerina dalgee meetira 710, hojjaa immoo 185 kan qabuudha. Hanga ammaatti ijaarsi hidhichaa kan hin xumuramne yoo tahu, biyyattii tajaajila hydroelectric kennuudhaan tajaajila jira.

 

 

1. Hidha haaroomsaa guddicha – Ethiopia

Akkuma hedduun keenya beeknu Hiini kun yoo xumurame Hidha guddicha Africa isa jalqabaa ni taha jedhamee eegama. Hidha kanaaf maallaqni doolaara biliyoona 6.4 itti ramadamee ijaarsa irra kan jiru, yoo tahu lafa bal’ina 1874km 2(square km) kan offisuudha.

 


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles