Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Tuttuqaa kamuu qeerron obsaan akka irra darbu koreen simannaa ABO gaafate

$
0
0

Simannaan hoggansaa fi waraana Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) nagayaan akka xumuramu dargaggeessi gufuuwwan xixiqqaa isa mudatan obsaan akka irra darbu koreen simannaa gaafate.

Qophii simannaatif mootummaan federaalaa, naannoon Oromiyaa fi magaala Finfinnee humna nagaa kabachiisu kan ramadan ta’uu korichi har’a ibsa laaten beeksiseera.

Ibsichaan korichi akka beeksisetti Addi Bilisummaa Oromoo(ABO) bilisummaa ummataa kamuu dura gufuu ta’ee dhaabbachaa hin turre; ammas gufuu hin ta’u jedheera.

Warreen demokraasin sirriin biyyattiitti akka hin dagaagne barbaadan maqaa ABO xureessu kan jedhe korichi, haata’uutii hunduu qixa akka keessummeeffamu waliin qabsaa’uu malee wal dura dhaabbatanii gufuu walitti ta’uun bu’aa hin qabu jedheera.

Hoggansaa fi waraanni ABO gara biyyaa kan deebi’u ummata gufachiisuf osoo hin taane, qabsoo ummataa fulduratti tarkaanfachiisudhaan injifannoo jajjaboo galmeessisuufi jedheera.

Kanaaf tuttuqqiiwwan mudatan mara obsaan irra darbuudhan, injifannoo jajjabaa egereerratti ummanni akka xiyyeeffatu gaafateera.

Demokraasii amma argame duubatti deebisuun, nagaa argame warreen booressuu barbaadan ni jiru. Warreen simannicha gufachiisuuf hojjetan poolisiif dabarsanii laachuu malee walitti bu’iinsa hin barbaachisne keessa akka hin seennes korichi dhaamera.

Alaabaa dhaabuu yookin halluu alaabaa dibuurratti warreen gufannaa uuman obsaan irra darbuudhann caalanii argamuun barbaachisaa akka ta’es ibsameera.

Simannaadhaf gara Finfinnee yammuu galamus of eeggannoon taasifamuu akka qabu, nagaa ofii tiksuun akka barbaachisus korichi dhaamera.

Simannicharratti dargaggeessi humna nageenyaa federaalaa, naannoo fi Finfinnee waliin ta’uudhan nagaa eegsisuu fi sakattoorratti dargaggeessa barbaachisaa akka taasisu gaafatameera.

Alaaban dhaabame sirnichaan booda akka kaafamus korichi imaanaa jedheera.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles