Qabxiin seensa dhaabbilee barnoota olaanaa bara 2011 Ejansiin Madaallii fi Qormaata Biyyaalessaa ifoomse.
Dhuunfan dhaabbilee barnoota olaanoo mootummaattis ta’ee dhuunfatti kanneen barachuu barbaadaniif qabxiin seensaa 295 fi sanaa olta’uu murtaa’ee jira.
Dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti idileen akka baratan kan murtaa’e barattoota kuma 100 fi kuma 49 fi 823 yoo ta’an, kana keessaa kumni 98 fi 567 damee saayinsii umamaa fi kumni 51 fi 256 barattoota saayinsii hawaasati.
Haaluma kanaan qabxiin seensaa idilee fi galgalaa saayinsii umamaa dhiirotaaf 362 fi dubartootaf 345 fi isaa ol ta’uu ibsameera.
Saayinsii hawaasaan idilee fi galgalaan dhiirota 345 fi dubartootaf 335 ol ta’ee murtaa’era.
Barattoota naannolee guddattoo fi horsiisee bulaatti akkasumas sabaaba rakkoo nageenyan xiyyeeffannoon kanneen kennameef saayinsii umamaa dhiirotaaf 345, dubartootaf 330 yoo ta’u, saayinsii hawaasan dhiirotaaf 335 fi dubartootan 320 ol ta’ee jira.
Kanneen dhuunfan qoraman saayinsii umamaa dhiirotaaf 375, dubartootaf ammoo 370 yoo ta’u saayinsii hawaasan dhiirotaaf 375, dubartootaf 370 fi isaa ol ta’uun murtaa’era.
Barattoota rakkoo dhageettii qabaniif saayinsii umamaan dhiirotaaf 275 dubartootaf ammoo 265 akkasumas saayinsii hawaasan dhiirotaaf 275 dubartootaf 265 ta’uu beekkameera.
Kana maleesa barattoota qaro dhabeeyyif saayinsii hawaasaa dhiirotaaf 210 fi dubartootaf 200 olii sanaa ol ta’uu isaa Ejansichi beeksiseera.
Qormaata seensa dhaabbilee olaanaa bara kanaa barattootni kuma 200 fi kuma 81 fi 974 fudhataniiru.