Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Simannaan ABOf taasifamu simannaa kabaja ummata Oromoof taasifamuudha-Dr Nagarii Leencoo

$
0
0

Simannaan Adda Bilisummaa Oromoof taasifamu simannaa kabaja ummata Oromoof taasifamu ta’uu Hoogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa Dooktar Nagarii Leencoo ibsaniiru.

Dooktar Nagariin ibsa keennaniin jilli ABO biyya alaa jiru fulbaana 05,2011 gara biyyaatti galuusaatin wal qabatee simannaa addaa taasisuuf qophiin taasifamaa jiraachuusaa ibsuun, simannaa kabaja ummata Oromoof taasifamu kana karaa nagayaafi tasgabbiin akka xumuramu ummanni tumsa gochuu qaba jedhaniiru.

Qabsoo taasifameen dirreen dimookraasii ballachuusaatiin wal qabatee paartilee siyaasaa biyya alaa jiran garaa garaaf sadarkaa naannoo Oromiyaatinis ta’e sadarkaa Federaalaatti simannaan taasifamaafi akka jiru eeraniiru.

Simannaa fulbaana 05,2011 taasifamu kanas qeerroon karaa nagayaafi tokkummaa ummataa cimsuun socha’uu akka qabus himaniiru.

Simannaa kabaja ummata Oromoof taasifamu kana qaamni ija hamaatiin ilaalu hin dhabamu waan ta’eef qeerroon tuttuqqaa jiru hunda karaa bilchina qabuun bira darbuu akka qabus dhaamaniiru.

Qaamni kamiyyuu alaabaa ykn asxaa na ibsa jedhu qabachuu akka danda’ufi qabsoon taasifamees walqixxummaafi bilisummaan yaada keenyaa akka ibsannuudha.

Magaalaa Finfinneetti guyyaa kaleessaafi guyyaa har’aa iddoowwan tokko tokkootti alaabaan akka hin fannifamne dhoorkuf sochiin taasifamu madaallii kamiinuu fudhatama kan hin qabneedha jedhaniiru.

Yeroon ammaa yeroo sababa barbaannee kan walitti buunu otuu hin ta’in yeroo sababa barbaannee tokkummaa keenya cimsinuudha kan jedhan Dr Nagariin sababa alaabaatiin qaamni kamiyyuu walitti bu’uu akka hin qabneefi qeerroon sirna simannaa kanarratti wanta addaa wayita argu qaama nageenyaaf beeksisuun sirnichi nagayaan akka xumuramu tumsa akka godhaniis gaafataniiru.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles