Jijjiirrama biyyattiitti dhufeef abbaan ummata Ityoophiyaa ta’uu muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Abbaan injifannichaa amma ummata ta’etti ammoo jaarmiyaalee alaa gara biyyaa deebi’an maddiitti dhiibudhaan maqsuun barbaachisaa miti jedhaniiru.
Dhuunfadhaan geeraruudhan injifachuun hin danda’amu waan ta’eef wal tumsuutu irra caala jedhaniiru.
Jaarmiyaaleen siyaasaa waltumsuudhan rakkoo Ityoophiyaa furuuf waliin dhaabbachuu qaba jedhan muummee ministiraa.
Yeroo ammaatti waan yaraa xixiqqaadhan irree ofii muul’isuu kan barbaadu wal ajjeesuu ta’a malee injifataan hin jiraatu jedhan.
Yaada ofii bilisummaadhan ibsachuun alaabas ni dabalata waan ta’eef, tokko kan tokkoo dhiibuu fi maqsuun irra hin jiraatu jedhaniiru.
Jaarmiyaaleen siyaasaa alaa yammuu galan buufata xiyyaaraa deemnee simachuudhan, isaanis injifatoo akka ta’an itti muul’isuu qabna jedhan.
Jaarmiyaan kamuu alaa yammuu galu ummanni itti siqee simatee baga nagayaan deebite jechuudhan, nagayaan akka qabsaa’u itti himuu qaba jedhaniiru.
Bara haaraatti wal jibbiinsa dhiisnee wal jaalalaan ida’amnee biyyaa fi naannoo gaanfa Afrikaa ijaaruu qabnas jedhan.