Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

ABO fi KFOn waliin hojjechuuf waliigalan

$
0
0

ABO fi KFOn waliin hojjechuuf waliigaluu isaanii beeksisan.

Jaarmiyaaleen lamaan har’a ibsa waliin laataniin akka beeksisanitti dhimma Oromoo fi Oromiyaarratti waliin hojjechuuf waliigaluu isaanii beeksisaniiru.

Addi Bilisummaa Oromoo(ABO) fi Koongirasiin Fedaraalistii Oromoo(KFO) ibsa waliin laataniin tokkummaa ummata Oromoo cimsuuf kan waliin hojjetan ta’uu beeksisaniiru.

Dhaabbileen lamaan sagaleen ummataa akka hin hiramne kan waliin hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaatti federaaliizimii dhugaa ijaaruufis kan waliin dhaabbatan ta’uu beeksisaniiru.

ABO fi KFO mirga hiree ofii murteeffachuu dhugoomsuu, nagaa waaraa mirkaneessuurrattis akka waliin qabsaa’an ta’uu eeraniiru.

Hoggansii fi waraanni Adda Bilisummaa Oromoo Eertiraa jiruu kan obbo Daawud Ibsaatin hogganamu, Fulbaana 5,2011 ganama sa’aa 5:00 irratti Finfinnee kan galu ta’uu koreen simannaa addichaa fi Shaneen Gumii Sabaa ABO obbo Ibsaa Nagawoo ibsuun isaanii ni yaadatama.

Fulbaana 5, 2011 loltoonni ABO 1300 ta’an meeshaa waraanaa hiikkatanii obbo Daawud Ibsaa waliin Finfinnee kan dhufan ta’a.

Simannaa isaanitiifis sagantaan addaa magaalaa Finfinnee Addabaaba’ii Masqalaatti qophaa’aa jira.

Fulbaana 7,2011 ammoo mariin jaarmiyaalee siyaasaa, hayyootaa fi bakka buutota hawaasaa hirmaachise Koomiishinii Diinagdee Afrikaatti ni gaggeeffama.

Akkaataa mootummaan waamicha jaarmiyaalee siyaasatiif dhiyeessen, dhaabbileen siyaasaa hedduun gara biyyaa deebi’aa jiru.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles