Magaalaa Qoollaa Dibbaatti walitti bu’iinsa mudateen lubbuu namaa darbe
Naannoo Amaaraa Goondar jiddugaleessaa magaalaa Qoollaa Dibbaatti walitti bu’iinsa mudateen lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhan qaqqabe.
Walitti bu’iinsichaan lubbuun namoota 2 kan darbe yammuu ta’u, namoonni 2 ammoo madaa’uu isaanii Waajjirri Bulchiinsa Nageenyaa Aanaa Danbiyaa Bahaa ibseera.
Walitti bu’iinsichi dargaggoonni aaridhaan miira keessa galuun kan mudate ta’uunis eerameera.
Manni jireenyaa lamas gubateera.
Humni nageenyaa naannichatti argamu maanguddootaa fi abbootii amantaa waliin ta’uudhan magaalattii tasgabbeessuuf hojjechaa jira.
Godinichatti naannoo Cilgaatti walitti bu’iinsa kaleessa mudateen lubbuun nama 1 yammuu darbu, namoonni 8 madaa’anii qabeenyis barbadaa’era.
Walitti bu’iinsa kaleessa hiriira magaalaa Naqamteerratti mudateen namoonni 14 miidhamuun ni yaadatama.