Chaansilarri Ostiriyaa Sabaastiyaan Kariz daawwif Finfinnee galan
Chaansilarri Ostiriyaa Sabaastiyaan Kariz daawwii hojiif har’a Finfinnee galaniiru.
Chaansilarri Ostiriyaa Sabaastiyaan Kariz buufata xiyyaara idil addunyaa Boolee yeroo gahanitti Ministira Dhimma Alaa Dooktar Warqinaa Gabayyoo simatamaniiru.
Chaansilarichi turtii isaanitiin Muummee ministira Dooktar Abiy Ahmad waliin dhimmoota garaa garaa irratti ni mari’atu jedhamee eeggama.
Dureewwan lamaan fooramii invastimantii Barliinitti gaggeeffame cinaatti wal argauun mari’atanii turan.
marii isaanitiinis hariiroo biyyoota lamaani cimsuuf walii galanii turan.