Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Yamanitti Kooleeraan Kompitaraan To’atamaa Jira

$
0
0

Yaman keessatti lakkoofsi namoota koleeraan qabamanii, sirna kompitaraa haaraa iddoo dhukkubichi dhalatu tilmaamuun hir’iseera.

Bara darbe namootni dhukkubichaan qabamanii torbee tokko keessatti 50,000 kan gahe yoo tahu-bara kana lakkoofsichi gara 2,500’tti gadi bu’eera.

Sirni koompitaraa kun haala qilleensa xiinxaluun dhalachuufi tamsa’ina dhibee kanaa kan tilmaamu.

Hojjettoonni gargaarsaa rooba to’achuudhaan dhukkubicha ittisuu irratti akka xiyyeefatanis gargaareera.

Kan hojii irra oole erga mootummoonni gamtoomanii dhukkubichi yeroo sadaffaaf akka hin tamsaane na yaaddeessa jedheen booda dha.

Teekinoolojiin kun dhaabbata gargaarsaa UK ‘DFID’ jedhamuun qindaa’e.

Dura taa’aan gorsa saayinsii dippaartimantichaa pirofeesara Kaarloot Waats sirnichi hojjettota gargaarsaa dhukkuba dafee tamsa’uu kana to’annoo jala akka oolchan gargaareera jedhu.

”Dhukkubichaan addunyaarratti namoota kumaatamaan lakkaawamantu dhumas” jedhaniiru.

Bara darbe dhukkuba bishaan qulqulluu hin taane fayyadamuun Yaman keessatti namooti miliyoonaan lakkaawaman dhukkubaan yoo qabaman, 2,000 ol immoo du’aniiru baayyeen isaanis daa’imman turan.

Attamiin hojjeta?
Waajjirri ‘Met’ jedhamu kutaa gargaarsaa UK wajjiin tahuun bokkaan yoom akka roobu tilmaama. Kompitara sirna olaanaa tahe qabu fayyadamuunis roobni hangam akka roobu baruun km10 keessattis iddoosaa agarsiisa.

Kunimmoo lolaan balfa guure deemu, dhukkubicha akka hin babal’ifneef gargaara.

Tilmaammiin kun moodela kompitaraa piroofesar Rittaa Koolweeliin yunivarsiitii Meeriilanditti qophaa’eefi dokrtar Antiraa Jutlaa Weest Varjiniyaa Yunivarsiitiitti qophaa’een qindoominaan hojjeta.

Odeeffannowwan kanneen akka baayyina uummataa, qaqqabinsa bishaan qulqulluufi haala qilleensaa fayyadamuun hojjeta.

Odeeffannoowwan kunneen Saayintistoota kana iddootti dhukkubichi dhalatu torbee afur dura akka baran isaan taasisa.Maddi:-BBC


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles