Burayyuu Ashawaa Meedatti saamtonni gurmaa’an 70 too’ataman
Buraayyuu Ashawaa Meedaa Anfoo kattaatti guyyoota lamaan darban saamtonni gurmaa’un badii lubbuu namaa fi qabeenyatiif itti gaafataman jedhaman 70 too’atamuu Koomishiniin Poolisii Oromiyaa beeksiise.
Koomishiniin Poolisii Oromiyaa Koomishinar Alamaayyoo Ijjiguu Faanaa Broodkaastingi Koorporeetif akka ibsanitti, saamtonni gurmaa’an gocha raawwataniin lubbuun namaa fi qabeenya irra miidhan gahee jira jedhaniiru.
Namootni baay’en qa’ee isaanii irraa kan buqqa’an yoo ta’u, qabeenyin barbadaa’uu himaniiru.
Yeroo ammaa kanas poolisiin naannichaa too’achuun guutumaan guutuutti nageenyi bu’uu ibsameera.
Jaarsoliin biyyaa namoota buqqa’an mariisisuun gara qa’ee isaanitti akka deebi’an taasifamaa jira jedhaniiru Koomishinar Alamaayyon.