Wiirtuu leenjii Sanqalleettii Leenjitoonni Poolisii Oromiyaa balaa summiirraa baraaramuu isaanii
Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii Godina Shawaa Lixaa Beeksise.
Fuulbaana 6,2011 galgala keemikaala summaawaa faalame soorachuun leenjitoonni hedduun Hoospitaala Amboo,
Hoospitaala Riifaraala Yuunvarsiitii Amboo fi Hoospitaala Gudaritti yaalamaa bulaniirus jedheera waajjirichi.
Tattaaffii ogeeyyin fayyaa hospitaalota kanneenii taasisaniin guutummaan guutuutti lubbuun leenjitoota kanaa du’arraa oolaniiru.
Odeeffannoo ganama kana manneen yaalaarraa argameen leenjitoonni balaan isaan muudate yaalii argatanii gara wiirtuu leenjii isaaniitti nagaan deebi’aniiru.
Maddi rakkoo kanaa fi maalitti summichi akka godhames( bishaan ykn nyaata ta’uun) qoratamaa jiraachuu ibsamee jira.
Maddi:-Fuula Face Book Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii Godina Shawaa Lixaatti.