Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

DhMG Walii Galtee Eertiraa Fi Jibuutii Dhinqisiifate

$
0
0

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti barreessan Olanaa Antoniyoo Gutrees Ityoophiyaadhan walii galteen Eertiraa fi Jibuutii gidduutti dhufuu dinqisiifatan.

Gutrees Ityoophiyaa, Eertiraa, Somaaliyaa fi Jibuutin walii galtee eegalan gaanfa Afrikaa bira darbee biyyoota biroof fakkeenyummaa guddaa qaba jedhaniiru.

Jalqabbii gaarii biyyootni kunneen amma mul’isan akka itti fufiinsa qabaatuf dhaabbanni isaanii ni deeggara jedhaniiru.

Torbee kana Muummeen ministira Dooktar Abiy Ahimad, Preezdaant Isaayyaas Afawarqii fi preezdaant Somaaliyaa gidduutti marii taasifameen rakkoo Jibuuti fi Eertiraa gidduu jiru furuuf Ministiroota Dhimma Alaa isaanii gara Jibuutii erguun ni yaadatama.

Haaluma kanaan Preezdaantin Jibuutii Omaar Giillen tattaaffii mootummaa Ityoophiyaa rakkoo biyyoota lamaan gidduu jiru hiikuf taasisaa jiru galateeffataniiru. maddi afbisi


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles